Don’t Give Up In Your Life Work Hard properly.
Namni tokko maaliif abdii kuta?
Namoonni baay’een jireenya isaanii keessatti abdii kutanii ni argina
Namni tokko yeroo abdii kutu boruu waan darbu isaatti hin fakkaatu.
Waan gochuu qabus ni dagatee darbareen wal jijjiru mul’ata gara fulduraa arguu danda’u wanta daran abdii isa kutachisu ta’uu danda’a.
Maddi abdii kutuu inni guddaan jalqaba osoo mana kee irraa hin bahiin eessa akka deemtu hin murteessitu yoo taatee waan abdii godhattee deeemtu tokko illee hin qabdu.
Dirqama bakka deemuu barbaadduuf sammuu kee keessatti kaardii konkolaataa tokko yeroo qabattu ka’umsi isa hawasaa gahumsi isaa immoo finfinnedha jedhee murtaa’eera yoo ta’ee konkolaataa kun baatuu gahee hin dhaabbatu jechuuudha, maaliif gahuumsa isaa murteessee gatii baheef jechuudha.
Kanaaf atis bakka deemuu yookaan gahuu barbaaddu qabda yoo taate gahumsi koo achidha jedhii murteessi har’aa kaasii.
Jireenyi durumayyuu bu’aa bahii hedduu qabdi akkuma milkaa’inni jirtu kufaatin jiraachuu isaa beekuu qabda.
Namoonni baay’een har’a isaaniif mijatee isaanitti tole argita, osoo seenaa duuba isaanii dhageesse waan baay’eetu jira bu’aa bahii hedduutu jira akka salphaatti milkaa’uun hin jiru.
Ati waan hojjettu keessatti al tokkoon nan milkaa’a jettee yaada taanaan yoo al tokkoon milkaa’uu dadhabde ati adeemsa kee ni dhiista jechuudha.
Kuni immoo gufuu ofitti ta’uudha wantoota gufuu sitti ta’an osoo of jalaa hin kaasiin hin ka’iin kanaaf aarsaa barbaadamu qabda malee adeemsa kee tasumaa addaan kutuu hin qabdu.
Ati waan hojjettu irratti kutattuu ta’uu qabda sanaa booda namoota baay’eef fakkeenya taata.
Adeemsa kee keessatti wantoonni har’a si mudatan milkaa’insi fulduraa kee akka jiru sitti argisiisu. Namni kaayyoo karoora fi mul’ata fagoo qabu abdii kutuu hin qabu.
Mul’ata jechuun waan gara fuula duraatti ta’uu barbaadu har’a suuraan sammuu ofii keessatti ilaaluun, isa dhugoomsuuf immoo sabbata kaayyoo mudhitti hidhatanii adeemuu jechuudh.
Namni haga mul’ata isaatti mul’anni kee bakka yaaddee gahuudha yoo ta’e ni
Geessan ,garuu kana dhugoomsuu kan dandeessu yoo abdii hin kuttu ta’edha.
Namni karaa fagoo adeemu wantoota cinaa isaa jiraniif gurra hin kennu.
Mul’ata karaa lamaan ilaaluu dandeenya
1, Namoonni waan tokko osoo hojjechuu hin eegaliin sammuu isaanii keessatti waan karoorsaniif mul’ata gaarii qaban hojii isaanii yeroo jalqabanis waan mul’ata sirrii qabaniif karaatti hin dhiisan.
2, Namoonni waan tokko osoo hojjechuu hin eegaliin sammuu isaanii keessatti waan mul’ata sirrii hin taanee
arganii abdii kutan ni jiru waan tokko osoo hin eegaliin sammuu isaanii keessatti kufaatii kan argan jechuudha.
Kanaaf ,namni kamiyyuu hanguma mul’ata isaa gaha.
Abdii kutuun jireenya nama hedduu keessatti ni mul’ata, isa kanas karaa lamaan ilaaluu dandeenya.
1, Dhalli namaa kan inni abdii kutu kufaatii isara gahe ofirratti argeetudha.
2, Osoo isa irra hin gahiin namoota abdii kutanii kufan argeetudha. Warreen kaan osoo waan tokko hin argiin fagootti abdii kutu jechuudha, argitee, namoonni tokko tokko galma isaanii osoo hin gahiin fageenya irra taa’anii abdii kutu.
Namoota naannoo isaanii ilaalanii warri abdii kutan namoota kutannoo osoo hin qabatiin manarraa bahanidha.
Kana malees namoota of ta’anii
Jiraachaa hin jirredha, Adeemsa jireenya isaanii gara fuula duraatti bira gahan har’a warreen bara gahe waliin
Walbira qabanii murteessuu.
Jireenya isaanii kan nama biroo waliin walitti fakkeessuun abdii kutu jechuudha.
Abdii kutuun hangama akka ulfaatu warreen abdii kutee jiruu qofatu beeka, jireenyi kaaniif badhaadha, isaaniitti garuu ba’aadha.
Ba’aan ichis baay’ee ulfaata garuu namni illee akka sin gargaarreef hin mul’atu haala. Baay’ee ulfaataa keessaa inni tokko abdi kutuudha.
Ani yeroo baay’ee abdi hin kutu garuu gaafan abdii kutee haalicha keessatti of argu wanti ani of harkaa qabu martinu na hin gammachisu.
Dhibee nammoonni tokko tokko yeroo dheeraaf baatan daqiiqaa muraasaaf haalicha keessatti of to’achuu hin danda’u kanaaf jecha abdii hin kutu jechudha.
Ati gaafa abdii of harkaa dhabdu wantonni ati dubbatu haalli ati argisiiftuu fi wanti ati raawwattu namoota biroof fakkeenya abdii kutuuti.
Ati abdii kuttee jirta taanaan warreen duuba kee jiraniif jajjabina ta’uu hin dandeessu garuu hamilee isaaniitti bu’uu hin dadhabdu.
Xiiqiin damma caalaa mi’oofti jedha oromoon gaafa mammaaku, kaanaaf, atis waan hojjettu keessatti xiiqiidhaan
Hojjedhu.
Yoo akkas ta’e galma gahuu dandeessa, kanaaf, mul’ata kee gara Fuulduraa yaadaan dhamdhamachaa yoo adeemte ati warra abdii kute keessaa bilisa taata jechuudha.
kanaafuu bara jireenya kee keessatti nama xiiqii qabachuu dhiisiiti waan hojjettu tokko jijjiirama hojii kee xiiqii qabadhu gaafas ni milkoofta.
Abjuu kee dhugoomsuuf hanga deemamuu qabu adeemi garuu waantonni akka ati abjuu kee hin dhugomsineef kaayyoo fi mul’ata
Keetti gufuu ta’an waan jiraniif irraa of eegi.
Abdii kutuun bu’aa dhiphinaati Namoonni baay’een rakkoo isaan mudateef maal gochuu akka qaban yaaduu dhiisanii itti dhiphatu kun immoo furmaata ta’uu hin danda’u.
Dhiphinni dhibee hamaaf nama saaxiluu
Danda’a, Namoonni dhiphinaan qabamanii dhukkubsatan dhukkubni isaani illee maal akka ta’e osoo adda hin bahiin waliin rakkatu.
Dhukkuba namni namaaf hin beekne immoo baay’een rakkisaa fi ulfaataadha, wanti nama dhiphisu hin jiru jechuu koo miti garuu wanta nama dhiphisu kanaaf furmaata ta’uu danda’a kan jennu barbaaduu wayya jechuu kooti.
☆ Kufaati jireenya
Kufaatiin maali?
Dhalli namaa hanga jiraatee darbutti bu’aa bahii hedduu ni dabarsa jireenya kee keessaa Akkuma milkaa’inni jiru kufaatinis ni jiraata.
Isaan kun wal malee hin jiraatan yeroon jedhu dabaree dabareedhaan wal jijjiru, kufuu keerraa waan baay’ee baratta garuu bakka kuftetti hin hafiin kufuun kee akka ati kufaatiin maal akka ta’e adda baastee beekuun irraa fagaattuu si taasisuu danda’a.
kufaatii beekuuf garuu dirqama atis kufuu hin qabdu, warreen kufan irraa barachuu dandeessa.
Namni tokko kufee kufaatii isaa irraa barateera jechuu kan dandeenyu bakka kufte irraa ka’ii tattaaffii barbaachisu taasisi jireenyi kufaatii argee beeku gaafa milkaa’inni keessaa seenu baay’ee kunuunfata.
Itti gammadaa jiraata Rakkoowwan jireenya kee keessatti si mudatan itti hin gaddiin garuu rakkinicha keessaa bahuuf tattaafi taasisi.
Rakkina har’a si mudate qofa ilaaluu hin qabdu mikaa’insa fuldura keetti ilaaluun imaluutu sirra jiraata, Rakkina keessaa darbuun akkuma siin aarsaa guddaa si kaffalchiisu ati jabaattee gaafa rakkinicha keessaa baate immoo arsaa guddaatu siif kaffalama.
Akka warra aarsaa hin kaffallee miti gatiin kee Mee haa ilaallu boqqolloo warreen karaa irratti waadanii bilcheessuun sitti Gurguranii fi dheedhii isaa sitti gurguran tokko miti.
Inni waadame Rakkoo keessaa darbeera abidda damdamattee, gubachuu irraa darbee kan dhufedha kanaaf gatiin isaa ni dabala, inni dheedhiin immoo gatiin isaa hanga isa bilchaatee miti.
Argitee dhalli namaas akkuma boqqolloon kun abiddaan bilchaate dhalli namaas osoo yaadaan, ilaalchaan
Bilchaatee baay’ee filatamaadha.
Yeroo tokko tokko kufaati keessa dhaabbannee “eeyyama waaqayyooti” waan ta’eef haa ta’u jechuun kufaatii kana keessa baanee fooya’uuf tattaaffii
tokkollee hin taasisnu.
Waaqayyo garuu akka nuti kufnuuf hin karoorsus karoorsees hin beeku, Garuu wanta nuti Karoorsinee jalqabne tokko fiixaan nuuf baasa jechuudha.
Argitanii Namoonni baay’een ofii isaanii karoora sirrii qabatanii osoo hin adeemiin waan isaan mudate irratti garuu eeyyama waaqayyooti siin jedhu.
Waaqayyoo garuu firii yaadaa fi hojii keenyaa nuuf kennuuf yoomilee qophiidha kanaafuu kufaatiin kee firii yaada keeti yeroon jedhu ati waan tokko osoo hojjechuu hin eegaliin ” Nan kufaa laata? Jettee yaada kee keessatti gaaffii uumta taanaan hojii kees ofitti amanamummaa guutuun hojjechuu hin dandeessu.
Gaafa hojii keetiif ofitti amanamummaa hin qabne immoo kufaatiif saaxilamta, erga kufaatiin si mudateen booda immoo eeyamma waaqayyooti jetta.
Garuu eeyyama waaqayyoo miti
Kanaaf ati firii yaada kee karoora kee fi firii hojii kee argatte jechuudha.
Yaanni ati maddisiistu karoorri ati karoorsituu fi hojiin ati hojjettu waan negative ta’e of keessaa yoo qabaate bu’aan ati achi irraa argattus waan negatiivii,(negative) of keessaa ni qabaata jechuudha.
kanaafuu yaadni kee, karoorri kee akkasumas hojiin kee akka firii gaarii siif argamsiisuuf shakkii Keessaa of hin galchiin Bu’aan yaada kee waanuma ati yaaddu fi karoorsituu gatii ta’eef kana malees, kufaatii keessaa dhabbannee akka namni biraan dhufee achirraa nu baasuu barbaanna, Nu caalaa garuu qaamni nutti kan aanu hin jiru, kanaaf waan keessa jirtu tattaaffi mataa keetiin keessaa bahuuf yaali.
Naamusa gaarii qubaadhu
Naamusni safartuu amala gaarii fi badaati yookaan yaraati jireenya keessaatti naamusa qabaachuun shoora olaanaa taphaata namni naamusa qabu waan hundumaa qaba haala jireenya jiraannu keessaatti walii galtee dhala namaa waliin akkasuma haala nageenyaaf naamusni barbaachisaadha.
Amalli keenya waan baay’ees nuuf argamsiisuu danda’a, waan baay’ees nu dhabsiisuu danda’a dhalli namaa nama waliin waliif galtee uumee walitti dhufee waliin mari’atee haala jireenya isaa gaggeeffachuu mala.
Fakkeenyaaf, mana barnootaa keessaatti nuti barattoonni amala gaarii hin qabnu yoo ta’e barsiisaa keenyaan jibbamu danda’a barsiisaan tokko, achumaan kan daree barattoota kanaa seenee barsiisuuf fedhaa dhaba.
Hamileen barsiisuu harkaa bada jechuudh, Garuu haalli dirqamsiise yoo dhufus seera guutuuf si barsiisuu danda’a kan amaleeffanno dubbbisaa qabu ofiin hubachuuf yaale irra gahuu ni danda’a
Muraasni barataa garuu jibba barsiisichaaf qaban irra deddebi’anii walitti himuun balaaleffatu, sana booda wallaalummaaf saaxilamta kun hundumtuu bu’aa walii galtee dhabuuti.
kanaaf namoota waliin walii galtee uumii jiraadhu bu’aan isaa kanuma keeti waan ta’eef kana qofaa miti namoonni baay’ee har’a waa’ee muuxannoo jireenya isaanii yeroo gaafatu isaanis yeroo siif qoodan akkas jedhu.
Ani barataa/ttuu cimaa/tuun ture garuu sababa barsiisaa Boonsaa yookan caalaatti barnoota jobbeen hafe jedhu.
Barumasaa jibbanii hafuun immoo waan salphaa miti jireenya keenya murteessuu kan danda’udha, Namoonni baay’een waan sababa hin guunne irratti yeroo haala kanaan jireenya isanii irratti taphatan ni argina.
☆ Walitti bu’insa
Haala jiruu fi jireenyaa keessaatti walittii bu’insi ni uumam yeroo baay’ee hojii keessaatti wal dhabdeetu jira, Namni kan walitti hin buune yoo hin qoosa ta’edha.
Garuu namni barbaadee yookaan itti yaadee wal hin dhibu garaa garummaan yaadaa umamuu waan danda’uufidha, namni kamiyyuu akkuma
Bifaan garaagara ta’e yaada, ilaalchaa fi dandeetti garaagaraa qaba,
Kana immoo wal amansiisuu danda’uutu nurra jiraata.
Gama lamaan osoo itti dhihannee dhugaa jiru irraa hubachuu dandeenya garuu rakkoon keenyi inni guddaan waliin mari’anne wal amansiisuu dadhabuu keenyaan walitti bu’insi uumamuu danda’a jechuudha.
kana malees, Yeroo baay’ee sababa hin beekamneen walitti bu’uu dandeessa,
Mee fakkeenya tokko waliin haa ilaallu.
Osoo namoota lama gidduutti walittii bu’insi uumamee namichi inni tokko fira kee yookaan hiriyyaa kee osoo ta’ee namticha isa lammaffaa immoo eenyu akka ta’e hin beektu ta’uu danda’a.
Sababa waldhibdee jarreen kanaa osoo adda baastee hin beekiin inni tokko
Hiriyyaa kee ta’eef qofa yeroo irratti tumsutu ni argina kun garuu sirrii miti,
Dhugaa jiru adda baasuu qabda.
Daataa walitti bu’insaa dabaluu kan danda’u inni guddaan isa kanadha, kana malees, hanqina hubannaa dhabuuti.
Aantummaan kan mataa isaa danda’edha, walitti bu’insi isaaniis sababa mataa isaa danda’e of keessaa qabaata jechuudha, kanaafuu dhimma walitti bu’insa isaan gidduu jiru adda baastee eenyutu badii akka raawwate beekuun sirraa eegama.
Sana booda nama badii hojjete kun akkas miti ta’uus hin qabu waan sirraa hin eegamne hojjettee jirata ammaaf tokkoo ta’e jira garuu yeroo lammaaffaaf itti hin deebi’iin jettee amansiisuuti sirraa eegama jechuudha.
Yeroo baay’ee wanta akkasiitu mudata. Dhugaa dubbachuuf anattis akkas natti
fakkaata ture amma garuu naaf galeera namni tokko waan ati itti dhiyattuuf yeroo nama biroo faana wal
Dhibu isatu sirrii sitti fakkaata taanaan kun yaada dogoggoraati.
Ammas taanaan namni yaada akkasii hin sirreessu taanaan carraan walitti
Bu’insaa hir’achuu isaa dhiphaadha.
Yoo dandeesse rakkoo isaan gidduu jiru furuuf yaali yoo dadhabde immoo waan hin beekne keessatti galtee hin jeeqiin.
Walitti bu’insi yeroo uumamu maaltu akka ta’e hubachuu qabda, dhugaa jiru ofii kee erga hubatteen booda namoota hin hubanne hubachiisuuf yaali.
Dhugaa jiruu waan ati hubachiiste irratti yoo amantii hin qabdu ta’e namni kun hamma dandeesse irraa ittisuuf tattaafadhu.
Sababni ati waan kana gochuu qabduuf namni baay’een kan walitti bu’u hubannaa guutuu ta’e yaadicha irratti waan hin qabaanneefidha.
Namni osoo akka salphaa fi karaa salphaan yaada walii hubata ta’ee walitti bu’insi tasumaa hin uumamu ture. Nagaan bakka jirtanittii naaf jiraadha.