wabiif

My WordPress Blog

Barnoota(education)

Remind you actual history between a priest and devils.

Seenaa Lubaa fi seexana gidduutti ta’ee tokkoon isiin yaadachiisa.

Amantiin ati Waaqayyo irratti qabdu laafee, waan ijaan argamu ilaaluu eegalte jennaan kufteetta.

Guyyaa tokko Seexanni amantii namoonni mandara tokkoo Waaqayyo irratti qaban butachuuf jedhee kiyyoo tokko kopheesse jedhama.

Muka guddaa tokkotu biyya sana keessa jira. Mukni kun takka takka saantima warqee fakkaatu biyya sanaaf harcaasuu eegale Isa booda namoonni hunduu muka kana jalatti sagaduutti ka’an.

Aarsaa garaa garaa dhiyeessuufi itti sagaduudhaanis raawwatanii Waaqayyo irraa garagalani.

Lubni Waaqayyoof hojjetu tokko biyya sana keessatti taatee uummanni kun ittiin Waaqayyo irraa galagale kanaan kan aare muka sana muruuf qottoo fudhatee deeme.

Yeroo kana Seexanni dhufee “Maaliif muka kana kutta? Ani saba kana duuromsaan jiraam, bu’uuraalee hawaasaa akka guuttataniif warqee kennaafiin jira miti?” Jedhee isa gaafate.

Lubni kunis “Namoonni Waaqayyo irraa galagalanii muka kanatti sagadaa jiru, animmoo hojiin koo hariiroo Waaqayyoof nama gidduu jiru eeguudha waan taheef kana dhaabbadhee ilaaluu hin dandahu” jedhe.

Yeroo kanatti Seexanni akka lubni kun muka sana hin kunneef jabeessee isa kadhate.

Haa tahu malee lubni kun muka kana muree balleessuuf akka jiru itti hime. Indaahuum, waanuma caqasa wahii dubbiseefii natti fakkaata.

Isa Yohaannis “Amma iyyuu qottoon mukoota irra kaahamee jira, kan ija gaarii hin godhannes muramee ibiddatti in darbatama” jedhu sana caqasee waan seexana morme fakkaata.

Seexanni kunis erga namicha kana kadhatee dadhabee akkas jedhe “Yoo ati muka kana kutuu dhiifte ani ganama ganama yeroodhuma ati hirribaa kaatu siif iddoo ciiftutti, boraatii kee jalatti warqee siifan harcaasa.

Sabni kun immoo muka kana jalaa funaannatu; ati garuu jooruun sin barbaachisu waan taheef iddoo ciiftutti warqee kee funaannatta” jedhe.

Lubni kunis yeroo waan kana yaadu, sammuu isaatti lubummaan kun ganama ganama warqee boraatii jalaa funaannachuudhaa ol tahee itti mul’achuu hin dandeenye.

Kanaaf erga akkas tahee “Maaliifan muka kana mura ree?” jechuudhaan qottoo isaa gatiittii isaa irra keewwatee manatti deebihe akkuma raajota bara keenyaa kana.

Isa booda akkuma walii galtee isaaniitti Seexanni warqee kana ganama ganama boraatii isaa jala naquufii eegale.

Erga guyyaa sadii naqeefii booda gaafa guyyaa afuraffaa ganama lubni kun ka’ee boraatii isaa jalaa warqee dhabe. Qottoo isaa butatee arreedaa muka sana jalatti argame.

Hardha Seexanni suuta kolfaa dhufe. Lubni kunis “Warqee koo naaf harcaasuu waan diddeef, akka walii galtee keenyaatti socho’uu waan dhaabdeef muka kana muruufani” jedhee seexanatti ija babaase.

Seexanni gaafa lafatti nama dibu silaa namatti baaca! Seexannis suutuma jedhee sagalee laafaadhaan qasa’aa “Teregaga wondime hardha akka kana duraa sin kadhadhu dabalataan immoo hardha anatu si moha muka kanas muruu hin dandeessu” jedhe.

“Maal jechuu keeti?” Jedhee yeroo namichi kun Seexana kana gaafatutti, Seexanni kun akkas jedhe “Dura Waaqayyoof jettee, isaaf hinaaftee waan muka kana muruu barbaaddeef humna qabda ture, anis kanaafan si kadhachaa ture.

Si kadhadhee na didde jennaanis sin goyyoomse. Amma garuu kan ati muka kana kutuu barbaaddu Waaqayyoof hinaaftee osoo hin tahiin warqee kee waan dhabdeefidha; garaakeefidha, lubummaan kees kufeera, kanaafuu amma humni ati Waaqayyo irraa argattu hin jiru, qoramtee kufteetta” jedhee isa qaanesse.

Duulli tajaajiltootaa Warqeef taheeraam! Amantoonni hedduun, luboonni danuunis faayidaa tuffachuu dadhabuudhaan qottoo isaanii doomsanii gatiittii isaanii irra kaahaniiru.

Ciisanii sababa boraatii isaanii jalatti warqee argachuu barbaadaniif fayyina Kiristoosiin argamu haguuganiiru. Saba kufaa jiru osoo ilaalanii afaan isaanii qabatanii taa’aniiru.

Lallabuunis tahe godoo seexanaa diiguun faayidaa ofii isaanii argatan irra qofaa akka dhaabbatu godhaniiru. Mee biyya lafaa tuffadhuu ilaalimee nama guddaa taatee of argita.

BTW nama guddaa kan taatu gaafa ofiikee keessikee Kiristoos keessatti akka guddate sitti himedha malee gaafa #Inna_abaluunfaa dhugaa siif bahan miti!

Isin namoota garagaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta’uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha. (Yaq 4:4)

Namni biyya lafaa hin tuffanne, kan michooma biyya lafaa hin dhiifne yoomillee fira Waaqayyoo tahuu hin dandahu.

Namni ati kottee kee guutuu baqachuu qabdu nama michooma guddaa biyya lafaa waliin qabuufi nama faayidaa bira darbuu hin dandeenye tahuu qaba.

Namni akkasii guyyaa keessaa guyyaa tokko osuma biyyi nagaadha jettee isa waliin jiraattuu si gurguratee surprise si godha! Gooftaaf jedhii waan biyya lafaa tuffadhu!

INISTALL

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *