Don’t Complain Everything Will Come In Its Time In The Life.
Maaliif Gungumta Atii Hin Gungumiin Wantii Hunduu Yeroo Isaa Eegatee Ni Dhufa.
GUNGUMUU DHIISUU.
Waa’ee jireenya kee teessee yeroo gungumtu jireenyi kee ittuma si aarsee badaa ta’a. Namni jireenya gammachuu fi mijataa uume hin jiru. Waan barbaadde hunda qabaachuu baattus kan qabdutti gammadi isa sin barbaarchifne immoo ofirraa hambisi.
BAAY’EE YAADUU DHIISI.
Waan gaarii yaaduu jalqabuu keen dura waan hamaa Sammuu kee keessaa balleessi. Yeroo waan hamaa yaaddu humni kee hundumtuu isarra ta’a. Yeroo kana sammuun kee maal yaadaa akka jiru daftee hubattee ofitti deebi’uu qabda.
EEYYEE GARUU’ JECHUU DHIISI.
Eeyyee ‘garuu’ jechuun mallattoo yaada dadhabaati. Yeroo akkana jettu waan qabdu caalaa qaawwaa keetu sitti mul’ata. Fkn namni tokko hojii kee nijaallattaa? yoo sin jedhe, atimmoo Eeyyee garuu miindaan isaa xiqqoodha yoo jette kanuma.
Jireenyi kamiyyuu bu’aa ba’iin guutamaadha. Dhamaatii Jireenyaa irratti yoo xiyyeeffatte gammachuu jireenyaa dhabda. Gammachuun immoo irra caalaan waan sammuun keenya uumuudha. Kanaaf iyyuu Eeyyee ‘Garuu’ jechuu dhiistee Eeyyee jedhii ‘Fulduratti waan fooyyessuu qabdu haasa’i.
DURSITEE OF AMANSIISUU IRRAA OF EEGGADHU.
Yeroo tokko tokko waanti haamaan nuti yaadnu hundinuu waan raawwatu fakkaata. Kun dursanii of amansiisuudha. Fakkeenya jireenyi keenya waan dhumateef boolla keessa waan gale jennee fudhanna.
Kuni garuu haala amma keessa jirru qofadha ture. Namoonni baay’een rakkina keessa jiran keessaa bahuu caalaa, rakkina keessa jiran maaliif akkamitti akka keessa galan qofa ibsuufi hubachuu danda’u. Kun garuu dogongora.
YAADOTA DHIBAA UMMAAN OF KEESSAA BALLEESSI.
Yaadota dhibaawummaa of keessaa balleessuudhaan ofikee cimsuu dandeessa. Fkn Nama gammachiisuudhaaf dhamaata yoo ta’e, yeroo namni hundinuu sitti gammadu qofa gammadda. Garuu akkas miti duraan dursa ofiikeetti gammadi. Jireenyikee akkuma ati goote ta’a.
GARA FUULA DURAATTI TARKAANFADHU.
Yaada kee qofa jijjiiruun tarii furmaata barbaadamu fiduu dhiisuu danda’a kanaaf tarkaanfii fudhachuu jalqabuu qabda. Fkn Nama filannoo koo ta’e jaalachuuf hin argadhu jechuurra, nama akkanaa hanga yoonaa hin arganne garuu gara fuulduraatti nan argadha jechuu qofa osoo hin taane qabatamaan arguuf yaaluu qabda. Hojiis yoo ta’e, jireenya kan biraa keessattillee kanuma.