wabiif

My WordPress Blog

Barnoota(education)

Friendship advice is the continuous education we receive in our lives.

Gorsa hiriyummaa barnoota addaan hin cinnee kan jireenyaa keenya keessatti argannu.

  1. Jireenya keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu hin sodaatiin. Tarii yoo milkoofte gaggeessaa taata. Yoo dadhabde immoo irra baratta.

2 Namni waan dubbatuun utuu hin taane waan hojjettuun ibsama. Kanaafi nama gocha isaatiin malee jecha isaatiin hin madaalin.

  1. Namni tokko yoo si miidhe baay’ee itti hin gaddin. Sababni isaa muka ija/firii mi’aawaa qabutti dhagaa fi furguggeen baay’atti. (lja muka sanaa cirachuufi)
  2. Addunyaa kana irratti namoonni yeroo mara daandii milkaa’ina kee irratti dhagaa darbatu. Wanti murteessaan garuu akkaataa ati dhagaa sana itti ilaalutdha; ittiin riqicha hojjachuu ykn ofittin ijaaruu filadhu.
  3. Bu’aa bahiiin jireenya nama dhahdhamisiisa. Injifachuun immoo hiika jireenyaa nama hubachiisa.
  4. Bilisummaan yoo rakkina qabso keessatti nama mudatu jala dhaabatan malee namatti hin mi’oof tu.
  5. Daandiin kufannaa hin qabne galma itti geessu hin qabu.
  6. Waan darbe yaadachuun daawwannaaaf namatti tolla. Keessa turuun garuu kufaatii fi nama saaxila.
  7. Yeroo hunda waan darbe yaaduun kufaatii fi daandii barbaaduu dha.
  8. Wanti kaleessa hojjette waan guddaa ta’ee yoo sitti argame har’a waan sana caalu hin dalagne jechuu dha.

11.Abjuu kee dhugosufi hin dhammaatu taanaan nama biraatu abjuu isaa akka dhugomsituufi si qaxarata.

  1. Tulluu dheeratti ol bahan malee lafa diriiraa hin argan.
    Sammuu gaarii qabdu lafa onaa hin taasisiin misomsii waan gaarii fi olchii.
  2. Sammuu gaarii qabdu lafa onaa hin taasisiin misomsii waan gaarii fi olchii.
  3. Sammuu tee ati maallaqaan hin bitanne; waan gaarii akka ittiin hojjettufi tola badhaafamte.
  4. Namni kan milkaa’uu dhabufi waa harka dhabee utuu hin taane wan qabu itti fayyadamu wallaaluudhaani.
  5. Nama sitti dhiyaatu tokko gowwomsitee yoo milkoofte, namicha akka gowwaatti hin yaadin. Hamma ati isa miite caalaa si amana waan ta’eefi si dhiise malee.
  6. Amanamummaan kennaa mi’aawaa dha.

Barumsa baratanii qoramu, jireenya garuu qoramanii baratu.

Cubbuu ykn loogii hojjechuun, karaa qaxxaamuraan har’aaf dhadhaa nyaachuu, dhaloota baruuf dhagaa laachuu dha.

of-tuulummaan mallattoo wollaalummaati.

Jireenyi barnoota addaan hin cinne waan taheef, nama caalmaan jiraateetu waa’ee jireenyaa caalmaan hubata.

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *