wabiif

My WordPress Blog

Barnoota(education)

‎Ajeechaa Faarfataa Eyuu’el Walee Haati Manaa Isaa Waggaadhan Booda Waan Jette Kunooti.

KUFAATIIN DAANDII MILKAA’INAATI

Rakkattee osoo hin milkaa’iin hafte yoo ta’e, kan si booda milkaa’u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta’e garuu si dura nama rakkatetu ture.

Dubbiin namicha kanaa 100% dhugaa dha.
✅ Maaliifan milkaa’uu dhabee?
✅ Maaliif milkaa’inni ana irraa fagaatee?
✅ Maaliif kufaatiin natti baay’atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasiin!

✅ Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa’uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa’uu danda’a.

Fakkeenya tokkon siif fudhadha.

Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer waan beektu natti fakkaata. Inni bara isaa waggaa 38 jiraate keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture.

Sababa kanaaf yeroo baay’ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture beekamaa dha.

Haa ta’u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota badiin dabarte.

Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa’ina rakkoo isaa osoo hin argiin du’u iyyuu, har’a ilmaan isaa bu’aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru. Ilaali rakkina kee har’aa kana ilaaltee abdii hin kutiin!

Diinni milkaa’inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du’aatti yoo ta’e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa “rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har’a bu’aa isaa jiraanna” siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

✍️ Hammuma kufaatiin sitti baay’atu milkaa’ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

✍️ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa’ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuudha.

✍️ Imala gara milkaa’inaatti milkaa’inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *