wabiif

My WordPress Blog

Barnoota(education)

Falling Many Times Was A Path To Perfection For Me.

Si’a Baay’ee Kufuun Koo Anaaf Karaa Fiixaan Ba’iinsaa Naaf Ta’e.

(Jecha Toomaas Edisoon Abbaa kalaqaa fi argannoowwan 15 ol addunyaaf gumaache)

Waa’ee namicha kanaa kanan barreessuuf waan baay’ee waanan irraa hubadheef isinis waa irraa barattu jedhee waanan yaadef malee ittiin isin jajjabeessuuf yookiin seenaa isaa isin barsiisuf miti.

Dhugaan jireenyaa fi iccitiin milkaa’inaa inni sirriin isa kana waan ta’ee fi dargaggoota ciminaa fi humna addaa of keessaa qaban baay’een utuma jiranii garuu kaka’uumsa gara milkaa’inaatti isaan geessu dhabanii waan laayyotti of ilaaluu keessaa bahuu akka qaban hubachiisuuf!

☑️ Rakkoon rakkoo ta’ee kan hafu gaafa ati karaa qajeeladhaan furmaata itti laachuu dhiiftee akka rakkootti ilaalte qofadha.

☑️ Rakkoon siif carraa itti qaramtee baatu ta’uu qaba.
Carraa ati itti mul’ata kee dhugoomsitu ta’uu qaba.

☑️ Jireenya kee keessaa wanti baay’ee cimaan, wanta ati akka cimaatti ilaalte qofaadha.

☑️ Kan baay’ee cimaa ta’e si mataa kee malee rakkoo si qunname miti. Anatu rakkoo CAALAA cimaa dha jedhi of amansiisi!

☑️ Ati rakkinaaf hiika addaa kennuu qabda.

Toomaas Edisoon, “Si’a baay’ee kufuun koo anaaf karaa fiixaan ba’iinsaa naaf ta’e; kana akka kufaatiitti hin fudhadhu; akka barnootaatti malee. Sababni isaa karaalee hin hojjenne kuma kudhanin irraa baradhe.” jedhee dubbata.

☑️ Kanaafuu atis “HIN KUFNE NAN KA’E MALEE” jedhii of irratti dubbadhu!

Conclusion

Walumaagalatti Si’a baay’ee kufuun isaa nama guddaa ta’uutti isa si fide dha. Maalif rakkinni na qunnama jechuun maaliifan NAMA ta’a jechuudha. NAMA ta’uuf rakkina keessa darbuun dubbii dhumaati. Jireenya kee keessattii guddina simboo qabu guddachuuf sammuu kee keessa ilaalcha gaarii dhaabachuun tarkaanfii eegaluu qabda.

App Armaan Gadii Buufachuun Itti Fayyadamii.

👇👇👇👇👆👆👆👆

INISTALL

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *