Life time of students in university spends what lives for future.
Jireenya yuuniversiitii keessattii barattonnii waan jireenya isaanii boruuf ta’uu dabarsan.
Yuuniversiitii jechuun akkuma maqaa isaa irraa hubannu wanta waltawaa ta’e bakka tokkotti walitti dhufuun kan irraa argachuu dandeenyudha.
Bakka itti sabaa fi sab lammiin walitti dhufuun waliin jiraatudha, Namoota Aadaa, Afaan, Duudhaa, Seenaa fi Bakka garaagaraa irraa dhufan waliin walitti dhufeenya uumuun bakka waliin jiraannudha.
Aadaan akkasii jiraa jetee hanga dinqiisiifattutti waan haaraa fi amala namoota argita Namoota kaayyoo jabaa qaban akkasumas namoota kaayyoo hin qabne argina.
Namoonni baay’ee Yuuniversiitii seenanii beekumsa dabalataa argadheen baha kan jedhan hedduudha.
Gariin immoo sirna jireenya isaanii (life style),kanneen akka sirna dubbii afaan isaanii fi uffannaa isaanii jijjiiranii galuun akka nama jijjiirama fi beekumsa
Cimaa gonfatee dhufeetti ilaalamuu kan barbaadanis ni jiru.
Yuuniversiitiin faayidaa hedduun of keessaa qaba jechuudha, Sababni isaas waanti faayidaa qabu miidhaa hin dhabu waan ta’eef Yuuniversiitiin yoo itti fayyadamne bakka itti sammuu keenya qaroomsinee bahuu dandeenyudha.
Yuuniversiitiin keessatti rakkoowwan gara garaa si quunnamuu danda’u Rakkoon si quunnamu garuu akka rakkootti osoo hin taane muuxannoo jireenya keenya gara fuula duraa nutti argisiisuu kan danda’adha.
Namoota beekumsa siin ol ta’an irraa barachaa Kan siin gadi ta’an immoo barsiisaa kan adeemmudha, Yuuniversiitiin keessatti of argachuu yoo barbaadde Salphaatti of argachuu dandeessa.
Akkamitti yoo naan jette hiriyyaa kee mana kitaabaa fi namoota beekumsaan si dursan taasisuun jechuudha waan sirraa eegamu yoo taasiste of argachuuun salphaadha.
Akkasumas immoo of dhabuunis ni Jira Of dhabuun immoo of argachuu caalaa baay’ee salphaadha Fakkeenyaaf, mana ijaaruuf waggaa lama sitti fudhate, diiguuf garuu guyyaan tokko gahaadha.
Atis eenyummaa waggaa kudha saddeetii maatii kee biraa qabattee dhufte Yeroo waggaa tokko hin guunne
Keessatti balleessuu dandeessa, kanaaf of dhabuun karaa dhihoorra waan jiruuf of eeggannoo taasisi.
Baratoonni baay’een eenyummaa sirrii kaleessa qabatanii dhufan gadhiisanii
Eenyummaa badaa kan nama biraa
Waliin akka bahaniif karaa bal’aa banuu danda’a kana malees, Eenyummaa kaleessa ofirratti jibban dhiisanii eenymmaa sirrii qabatanii akka bahaniifis karaa bana jechuudha.
Yuuniversiitii keessatti hiriyyaan ati qabattu murteessaadha, Hiriyyaa hiree kee si dhabsiisuu danda’uu fi hiriyyaa
Hiree kee si argachiisuu danda’utu jira.
Hiree kee argachuuf karoora qabda yoo ta’e hiriyyaa sirrii adda baastee filachuu qabda Namni baay’een bakka oolmaa isaaf dursa kenna.
Hiriyyaan ati qabatetu yeroo hundumaa dubbisuu jaallata yoo ta’e akka ati waliin dubbistuuf, karaa siif Saaqa.
Akkasumas, mana dhugaatii oola yoo ta’e akka ati waliin dhugdu barbaada Ni qaama yoo ta’es akka ati isa waliin qaamtu barbaada, kanaaf of eeggannoo cimaa gochuun sirraa eegama.
Namoonni baay’een haalota akkasii eenyuummaa isaanii dhabanii
Har’a gara itti deebi’an wallaalanii jiru Atis warreen kana irraa barachuun namoota kaayyoo sirri hin qabnerraa
Of eeggachuu qabda.
Karaan ati irra deemaa jirtu sirrii ta’uu isaa itti amanta taanaan namoota kaayyoo keetti bu’uu danda’an jireenya kee keessaa baasi.
Osoo haala jiruuf hubannaa qabduu akka si miidhuu danda’u osoo beektu waan hin taanetti hin seeniin Namni haala lamaan karaarraa kaachuu danda’a.
1, Osoo hin beekiin.
2, Suma beekuu jechuudha.
Osoo hin beekiin yoo ta’e rakkoo hin qabu gara fuula duraatti irraa barachuu dandeessa osoo beektuu yeroo ta’u garuu baay’ee nama gaddisiisa.
Namoonni baay’een waan sirrii hin taanetti seenanii garuu keessaa bahuuf baay’ee kan rakkatanii fi Akkasumas kan itti gaabban ni argina, kanaafuu, Yuuniversiitiin keessatti hiriyyaa sirrii filachuun baraachisaa fi murteessa kan ta’edha.
Yuuniversiitiin keessatti ijoollee baadiyya, magaala Akkasumas haala barnootaa mijataa keessa dhufuunii fi haalota mijataa hin ta’iin keessii warreen haala mijataa keessaa hin dhufnetti wanti jiru hundummtuu bitaa itti gala, itti ulfaata.
Namoota haalaan barnoota isaanii hordofaa turan waliin yeroo walitti dabalamtu Ani maalifan hin hojjedhu akka warreen kana kan jedhu gaaffi si keessati uumama.
Yeroo isaan bira qabdee of madaaltee hamma isanìi hojjechuu dadhabdu ofitti gaddaita.
Haalota keessaa dhuftetti gaddita, rakkoo afaaniin walii galuu dadhabuu keetti gaddita, naannoo akka
Ati barnootaa kee seeraan hin hordofneef haala siif hin mijeessinetti ni
Gaddita.
Haalli mijaataan osoo jiruu garuu ati ofii kee itti yaaddee barachuu
Dhabuu keetti ni gaddita, kanarra darbuun miira aarii keessaa galuun of jibbita, kanarraa kana ka’e osoo semisteera tokko hin yaaliin kan gara maatii isaanitti deebi’an ni jiru.
Sana booda hamilee isaanii baay’ee gadi bu’uun waan tokko akka hin yaallee keessaa isaani heyyamammuu
Dida, ofii isaaniif ta’e maatii isaaniif boqqonnaa sammuu dhorka.
Warreen of Murteessan immoo Haalota kana ilaalanii yeroo itti yaadan wanti furmaata ta’u danda’u of murteessanii rakkoo kanarra dhabbachuun of jijjiiruu akka qaban ni hubatu Yeroo kana Ani eenyujedhanii akka of gaafataniif carraa isaaniif kenna.
Jijjiiramuu yoo baraadde immoo haalota darbetti gaabbuu dhiistee isa fuldura kee sirreessuuf tattaaffi taasista Garuu rakkoo kana hundumaa damdamattee, namoota kamiinuu dorgomaa taate keessaa yeroo darbitu ofii kee ni dinqisiifatta ofittis ni gammada.
Yoo akkas ta’e immoo firiin dadhabbii kee kan namoota hundumaa Caalaa mi’aawwaa ta’ee argama Sababni isaas
Ati hanqina kee akkasumas hanqina haalota mijataa hin taane tokko tokkorraa barachaa waan dhufteef, kana hubattee rakkoolee jiran
Dabarsitee yoo keessaa dabartuu immoo gahumsa sammuu olaanaa ni argata.
Kanaaf rakkoon Yuuniversiitii keessatti si mudatan daandii jireenya kee gara fuula duraattiif kallattii si qabsiisuu danda’u kanaafuu rakkoof harka kennuu dhiistee rakkina kee akka barsiisaa jabaatti ilaaluun irraa barattee qormaata kamiyyuu keessaa darbuu qabda malee tokko fageenyatti ilaaltee yoo sodaatte bu’aa rakkoo keessaa argamus hin argattu jechuudha.
Namoonni baay’een waggaa tokkoofillee osoo tattaafatanii hin yaaliin universiitii irraa dhiisanii galu dubbii namootaa dhagahuun wanti namni dubbatu fi wanti ati yaaltee ijaan argaitu immoo firiin isaa tokko ta’uu dhiisuu danda’a.
Kanaafuu yaalii ilaali yaaluu keessaa sirrii ta’uutu argama waan ta’eef yaada koo xumureen jira.
Isin irraa garuu waanan eegu tokkon qaba innis barreefama kana hanga dhumaatti erga dubbistanii booda, kun
Dogoggora keeti sirreessùu qabda naan jechuu waan barbaaddan yoo qabaattan teessoon jalqabarratti barreeffamee waan jiruuf akka na biraan
Geessan isiniin jechuun barbaada.
Sababni isaas yaadni dubbistoota koo biraa dhufu gaariis haa ta’uu badaa anaaf jabinadha.
App armaan gadii kana buufachuun walaloo dubbisaa.
👇👇☝️☝️