wabiif

My WordPress Blog

Barnoota(education)

People who value themselves well always live in their own world.

Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu.

Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu.

Tuutni gurmaa’ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa’ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan.

Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

☑️ Wanti nama ajaa’ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay’ee qabaachuu kees duukaa of argita.

Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?

☑️ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu.

Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu’in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta’ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.

☑️ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru.

Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu.

✍️ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!

✍️ Yeroo si argan daandii sirraa jal’ifatu!

✍️ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu!

✍️ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda’anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!

☑️ Isaan wallaalota,

☑️ Isaan jibbitoota,

☑️ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha.

☑️ Isaan koree jibbiinsaati,

☑️ Isaan gurmii mul’ata sakaalanidha.

➾ Ati immoo abbaa kaayyooti,

➾ Ati immoo abbaa mul’ataati.

➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.

☑️ Maalif isaan dhaggeeffattaree?

☑️ Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree?

☑️ Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree?

☑️ Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree?

☑️ Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree?

☑️ Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree?

Conclusion

Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay’ina jibbitoota kee hin lakkaa’in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan.

App Arman Gadii Buufachun Itti Fayyadamaa.

👇👇👇👆👆👆

INISTALL

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *