Some people live their entire lives wandering.
Bakka tokko hin dhaabatan. har’a hojii tokko eegalu, boru immoo isa cufanii kan biraa eegalu. hojii tokkotti quufuu waan hin dandeenyef, hojii jijjiiraa jiraatu.
Rakkoon namoota akkanaa kaayyoo jireenya isaanii argachuu dhabuudha.
Irra deddeebi’ee akkuman dubbadhe, jireenya keessatti kasaaraan kaayyoo uumamaniif wallaaluu caalu hin jiru.
Namni kaayyoo isaa hin beekne maal hojjachuu akka qabu hin beeku. Maal hojjachuu akka qabu namni hin beekne immoo waan hojjatutti hin milkaa’u.
Joormaa jechuun kana egaa. Furmaanni maaliree? Jooraa akka hin taanef, waan qabdutti gammaduu baruudha.
Baruu kanan jedhe maalif? Waan qabdutti gammaduun muuxannoo shaakalaan dhufu waan ta’eef. Namoonni hedduun waan of harkaa qaban hin argan.
Waan guddaa of harkatti dhiisanii waan xiqqoo nama harkaa barbaadu. Kan ofii ajaa’ibsiifachuu hin danda’an.
Kan namootaa kajeelaa oolu. Kun dhukkuba. irraa fayyamuu qabas. Mee waanuma qabdu ajaa’ibsiifachuu eegali. Ammuma. Maalan qabaayyuu itti gammada?
Yeroo naan jettu nan dhagaha! Waan baay’ee of harkaa qabda! Kan jedhudha deebin koo. Fakkeenyaaf kitaaba dubbisaa jirtu kana waan dandeessuf dubbista.
Tokkoffaa sammuu keettu fayyaadha. Addunyaa kanarra namoonni lakkoofsan hedduu ta’an dhibee sammuu wajjin jiraatu.
Yaadus ta’ee yaadachuu waan hin dandeenyef, oliif gadi jooranii, kaan immoo maatii fi firoota isaaniin hidhamanii jiru. Ati dhibee sammuu waliin hin jirtu; sammuun kee nagaa qaba.
Sammuun kee nagaa qabu kun immoo qabeenya ati addunyaa kanarraa qabdu keessaa isa guddaadha. Hanga ammaa sammuu nagaa qabaachuu keetif uumaa kee galateeffattee beektaa?
Sammuu akkanaa ajaabsiisaa qabaachuu keetif yeroo meeqa uumaa kee galateeffatte? Guyyaa meeqa immoo sammuu keetti gammadde?
Lammaffaa Ija keettu fayyaa qabaaf kitaaba kana dubbisaa jirta. kuni waan salphaa miti. Ijji kee tokkichi gatiin isaa meeqa? Ijji dhala namaa gatiin isaa hammamii?
Baay’ee qaalidha. tarii humna maallaqaan oli! Ijawwan lamaan fayyaa qabda jechuun qabeenya maallaqni bituu hin dandeenye adda kee gadjallaatti baadhattee jirta jechuudha.
Waa’ee ijawwan kee warra fayyaafoo uumaa kee galateeffattee, isaan qabaachuu keefis jireenyatti gammadde beektaa? Sadaffaa harkawwan keettu fayyaa taanan harkatti baadhattee dubbisaa jirta.
Otoo harkawwan kee lamaan kana qabaachuu baattee jireenyi kee hammam akka sitti ulfaatu yaaddee beektaa?
Harkawwan fayyaa akkanaa siif kennuu isaaf hoo uumaa kee yeroo guyyaa meeqa galateeffatte? Qabeenyi kana caalu jiraa?
Eeyyen, Fayyaan kee qabeenya namni addunyaa kanarratti horachuu danda’u hunda caala. Kanaaf uumaa kee isa fayyaa siif kenne galateeffachuu, ittis gammaduu qabda.
Uumamaan wantoota dhala namaatti ulfaatan keessaa tokko jireenya isaatti gammaduudha. akka dhala namaatti, sababoota jireenya keenyatti gammaduu dadhabnu keessaa inni guddaan na ga’a! jechuu dadhabuu keenyaadha.
Sassatummaa keenya irraan kan ka’e yeroo hundaa waan qabnu irratti waa dabalachuuf fiigna. Waa dabalachuuf osoo fiignuu waan qabnu arguuf ajaa’ibsiifachuuf yeroo dhabna.
Dhalli namaa yoom jireenya isaatti gammada? Gaaffii jedhuuf, Namni tokko waan qabu irratti waa xiqqoo yoo dabalate! jedhee deebise.
Deebiin namticha sirrii fakkaata, garuu sirrii miti. Hundi keenya waan qabnutti waa xiqqoo otoo dabalannee waan gammadnu nutti fakkaata.
Sadarkaa barnootaa amma irra jirrutti otoo gulantaa tokko dabalannee, mana amma qabnutti, konkolaataa tokko otoo dabalannee, ijoollee lama amma qabnutti, ilma tokko otoo daballee, aangoo amma qabnutti sadarkaa biroo osoo daballee, mindaa amma argannutti qarshii kuma tokko otoo dabalannee jireenya keenyatti ni gammadna jennee yaadna.
Dhugaan jiru garuu akkana miti. Gaafa waa xiqqoo dabalannu achi geenyees ammas waan xiqqootu nu hawwisiisa. Sadarkaa amma jirru irraa gulantaa tokko gaafa ol siqnu ammas gulantaa itti aanutu nutti bareeda. Kanaafuu, waa xiqqoo otoon dabaladhee jechaa jiraanna.
Fedhii fi dheebuun dhala namaa yoomuu daangaa hin qabu. Jireenyatti yoom gammadnaree? Gaaffii jedhu na gaafachuuf qophaa’aa akka jirtun arga. Yoom gammadna beektaa?
Waan dhabne irraa ija keenya kaasnee waan qabnu ilaaluu gaafa eegallu; waan xiqqoo dabalachuuf hawwaa jirru sana dhiisnee waan amma harka keenyaa qabnu ilaallee, kun na ga’a.
Jechuu gaafa jalqabnu mataa keenyaa namoota biroo waliin dorgomsiisuun mataa of cabsuu dhiisnee nama addaa ta’uu keenya amanuun jireenya mataa keenyaa qofa jiraachuu gaafa eegallu sana gammadna.
Dhugaan asitti sitti himuu barbaadu kunooti. Na ga’a hin jettu yoo ta’e, yoomiyyuu sin gahu! Sassatni diina gammachuu keeti. Sassataa taanan yoomuu jireenyatti gammaduu hin dandeessu.
Gaddaa fi aadaa umurii kee xummurta. Sun akkam nama gaddisiisa? Dhukkuba akkanaan namoonni dararamaa jiraatan addunyaa kana irra hedduu dha.
Yeroo hundaa hojii hojjannutti waan hin quufneef akkuma namicha seenaa kalaqaa armaan olii keessatti ilaalle, otoon abaluu ta’ee! jechaa jiraanna.
Seenaan sun jireenya hedduu keenyaa bakka bu’a jechuu dandeenya. Hojii amma hojjachaa jirutti gammaduu dhabuu irraan kan ka’e hojii namoota biroo hawwina.
Yoo dandeenyes hojii keenya dhiisnee gara hojii namoota birootti seenna. Jiruu fooyya’aa barbaacha yeroo yerootti hojii keenya jijjiirra.
Qabxiin nuuf galuu qabu tokko ni jira. Maalinni seete? Jireenyi keenya kan jijjiiramu hojii keenya jijjiiruun osoo hin taane, ilaalcha keenya jijjiirudhaani.
Sammuu hin jijjiiramneen hojii ati jijjiirtu kamuu jireenya kee jijjiiruu hin danda’u. Ilaalchi hojii keef qabdu yeroo jijjiiramu hojii kee akka ba’aatti osoo hin taane, akka eebbaatti ilaaluu gaafa eegaltu, kutannoon irratti hojjeennaan hojii hojjataa jirtu kanatti akka guddattuu fi sadarkaa olaanaa irra gahuu akka dandeessu amanuu eegallaan jireenya kee guutummaatti ni jijjiirta.
Hanga inni qorannoo kana qoratetti wantoota hunda keessatti akkaatan teessuma atoomotaa kan addaan hin cinnedha jedhamee amanamaa ture.
Sechtman garuu qorannoo isaatin wantoonni teessumni atoomota isaanii addaan ciccitoo ta’an akka jiran yeroo jalqabaaf mirkaneesse.
Wantoota kanas Quasi crystalls jedhee moggaasuun bu’aa qorannoo isaa biyya Swiidinitti dhiyeesse. Quasi crystals jechuun kiristaalota kiristaalii fakkaatan jechuudha. Qorannoo kana dhiyeessee badhaasa noobeelii bara sanaa fudhachuu danda’e.
Akkuma fudhateen garuu rakkoon hamaan isa mudate. maalinni? Namoonni bu’aa qorannoo isaa hubachuu dadhaban.
Saayintistoota bebbeekamoo hiriyoota isaa dabalatee namoonni gurguddoo hedduun ni morman, itti qoosan. Taa’umsaa fi dhaabbii dhoowwatan.
Guutummaa addunyaa irratti kan beekkamu atoomonni kiristaala tokko keessatti argaman otoo wal irraa hin citiin wal irra nam’anii jiraachuu isaanii ture. Sana ala wanti argame jedhame kun dhugaa akka hin taane irratti waliif galanii namicha irratti duulan.
Arrabsoon inni arrabsame kan haamilee nama tuqu ture. Gareen qo’annoo saayinsii inni miseensummaan keessa ture tokko, sababa keen saayinsiin muka kolfaa ta’e, kanaaf nu keessaa ba’i jedhanii of keessaa isa baasan. Kiristaallii kiristaala fakkaatu kan kiristaala hin taane hin jiru.
Saayintistiin saayintistii fakkaatu kan saayintistii hin taane garuu ni jira. Innis si’idha! jedhanii itti qoosan. Saayintistii beekkamaa yeroo lama badhaasa noobeelii fudhate Liinas paawulingii dabalate hayyoonni bebbeekamoon akka malee itti qoosan.
Dhuma irratti akka itti USA jiraatu dhabee biyya isaa Israa’elitti deebi’uuf dirqame. Waan hundaa dhiisee deeme.
Yuunivarsiitii biyya isaatti argamu tokkotti qacaramee hojii eegale. Yeroo murtaa’e booda haala nama ajaa’ibuun argannoon isaa dhugaa ta’uun mirkanaa’e.
Hammamuu itti miidhamus qorannoon isaa qorannoo guddaa akka ta’ee fi badhaasichis akka isaaf malu hunduu irratti waliif gale. Warri kaleessa waan meeqa jedheen sunis dhiifama isa gaafatan.
Namoonni dhaloota dursanii dammaqan hedduu haala kanaan miidhamaniiru. Giriigoor Mendeel, abbaan dhaal maya (genetics) ammayyaa qorannoo ajaa’ibsiisaa kan bu’uura saayinsii dhaalmayaa ta’e hojjachuun beekkama.
Abbaa dhaalmayaa ammayyaa jedhamee kan beekkamuufis kanaafi. Wanti nama gaddisiisu garuu qorannoo isaa sana yeroo qorate namuu isa harkaa hin fuune.
Bu’aa qorannoo isaa akka isaaf maxxansaniif namoota dhuunfaa fi dhaabbilee adda addaa gafataa ture. Namni tokko illee tole hin jenneef.
Bu’aa qorannoo isaa fudhatama osoo hin argatin, otoo hin maxxanfaminiifis namichi du’e. Inni du’ee waggoota hedduu booda qorannoo ajaa’ibaa qorachuun isaa bira gahame. bakka hin jirretti leellifame.
Mohaandas Karaamchaandi Gaandiin falaasama fincila karaa nagaa Addunyaa kanaaf nama gumaache ture. Nama nagaa! gaafa inni du’e albart Instaayin, Namni akka Gaandii foon uffatee addunyaa kana irra jiraachaa ture jennee yoo himne dhaloonni dhufu amanuuf ni rakkata! jedhee ture.
Namni akkanaa kun garuu hojii guddaa hojjateef garuu badhaasa noobeelii hin arganne. Maalif? dhalootatu isa hin hubanne. Gabaabummatti ergaan koo kunooti.
Namoonni si hubachuus, si hubachuu dhiisuus ni danda’u. Hojii keef beekkamtii kennus dhiisuus ni danda’u. Sun haamilee kee tuqee kaayyoo kee irraa duuba si deebisuu hin qabu.
Hojii kamuu yoo hojjatte kaayyoon kee beekkamtii argachuuf, namoonni akka itti si leellisaniif, si badhaasaniif, xiyyeeffannoo akka siif kennaniif ta’uu hin qabu. Hojii hojjachuu kan qabdu hojjachuu waan qabduuf qofa ta’uu qaba.
Hojjachuu waan qabduuf yoo hojjatte deebii namoonni hojichaaf siif kennaniin hin miidhamtu. Namoonni hojii kee beekkamtii dhoowwachuu qofa miti, hojii hojjatte sanaaf sitti qoosuu, sitti kolfuu fa’a danda’u. Sana hundumaaf ati bakka kennuu hin qabdu. Dan Sechtman fakkeenya nuuf ta’a.
Qorannoo isaan argannoo inni argate isa harkatti tuffatan namoonni. Gurguddoota, Saayintistootaa fi namoota dhiibbaa guddaa uumuu danda’antu itti ge’ise. Muka kolfaa taasisan. ni arrabsan. nu qaanessite ittiin jedhan.
Akka itti jiraatuu fi hojii idilee isaa itti hojjatu dhabe. Biyya jireenya isaa gadhiisee biyya dhaloota isaatti deebi’uuf dirqame.
Oolee bulee garuu qorannoon isaa dhugaa ta’uun mirkaneeffame. Dhugaa fi ulfi turee mul’ata! jedhee akkuma mammaaku Oromoon, dhugaan namticha kanaas turee gadi ba’e.
Hammamuu turus dhugaan yeroo isaa eeggatee hin hafu. Awwaalli danda’ee dhugaa dhoksu hin jiru. Dhagaa awwaala ofirraa diigdee olkaatee akka faajjitti mul’achuuf humna qabdi dhugaan. Kan kees akkasuma. Dhugaan kee si jalaa dhokatee jira ta’a.
Si hubachuu dhabuu irraan kan ka’e sitti qoosanii, muka kolfaa si taasisaniiru ta’a. Homaa miti! Guyyaa dhugaan kee akka biiftuu ganamaa iftee mul’attu, guyyaa isheen itti dhagaa awwaalaa harki namootaa ishee irra naqe ofirraa diigdee kaatu ni argita. Dhugaan ni qal’atti malee hin cittu! jedhu abboonni keenya yoo mammaakan.
Yeroo baay’ee hojii keenyaaf namoota irraa deebii eeggachuutu nu miidha. Keessumaa dhaloonni har’aa dhaloota xiyyeeffannoo dheebotuudha.
Waan hojjannu namoonni nuuf argan, akka nu jajan, akka harka nuuf rukutan, akka nutti ho’isan barbaanna. Sana yoo ta’uu baate haamilee keenyatu miidhama.
Akka hojiin keenya gatii hin qabnetti ilaalla. Jireenya keessatti kun kufaatii guddaadha. Hojii keef duubatti deebitee namoota bu’uura taasifatta taanan gaafa namoonni si jalaa callisan, gaafa isaan hojii kee bakka dhaban gaafa isaan harka sii rukutuu dhiisan hojicha dhiistee deemta jechuudha.
Itti fufuuf humna sii ta’uu kan danda’u deebii namootaa osoo hin taane fedhii ati kaayyoo kee fiixaan baafachuuf qabdu ta’uu qaba.
Namni si jajes, si tufates siif hiika qabaachuu hin qabu. Badhaasni kee fiixan ba’uumsa kaayyoo keetiti.
Har’a hubatamuu dhiisuu dandeessa. Boru garuu dhaloonni si hubachuu hin oolu. Boru har’a miti. Wanti guddaan ciirracha seenaa irratti faana miilla kee keessee darbuudha.
Hojiin kee dhaloonni har’a si harkatti gatii dhoowwatu dhaloota boriif galaa ta’uuf jira. Giriigoor Mendeel ragaa kooti!
Inni du’ee waggoota hedduu booda qorannoon isaa bifa kitaabaan maxxanfameef. Dhaloonni inni keessa jiraate hojii isaa gatii dhoowwatus, dhaloonni haaraan hojii isaa hubate garuu, Abbaa Dhaalmayaa, jedhee isa moggase. dhaloonni har’aa sitti qoosus dhaloonni boruu garuu maqaa kabajaan si moggaasuf jira.
Kanaafuu jecha, gochaa fi ilaalcha namootaa ilaaltee hojii kee addaan kutuu osoo hin taane, wanti sirraa eegamu hanga kaayyoo kee fiixaan baafattutti itti fufuudha. Kan kaleessaa irra har’a, kan har’aa irra boru, kan boru irra iftaan xiiqiin kaatee daraan hojjachuu qabda.
Iddoo garaa kee hamma geessutti dadhabe, nuffe otoo hin jedhin yeroo fi humna kee itti baasun hojjachuutu sirraa eegama. Kana amma ta’etti humni qabee si dhaabu fuula lafaa irra hin jiru.