wabiif

My WordPress Blog

Barnoota(education)

Train your mind always and use it properly to do the good things.

Sammuu kee Leenjisi waan gaarii hojechuuf sirritti itti fayyadamii.

Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne beekuuf yaaluu qaba.

Ilmi namaa yoo shaakaluu barachuu dhiise malee wanti inni hin dandeenye hin jiru. Kun kan agarsiisu, ilma namaa keessa dandeettiin addaa jiraachuu agarsiisa.

Fakkeenya salphaa yoo fudhanne, namni kamiiyyuu yoo hin yaalin ykn yoo shaakalin barreessuu tasuma hin danda’u, konkolaataa oofuu hin danda’u, afaan dubbachuu hin danda’u, shaakala sport adda addaa gochuu hin danda’u ilmi namaa bu’aa waan leenji’eeti jechuudha.

Sammuu leenjisuun waan hunda leenjisuudha! Waaqayyo sammuun keenyaan, hafuuraan akka geggeeffamu godhee ilma namaa uumeera.

Kun uumama hundarraa adda nu taasisa. Sammuun waan nuuti leenjisne kamiiyyuu leenji’uuf qophiidha.

Waan gaarii, milkii, na danda’a yoo leenjisne waan gaarii bu’aa qabu hojjetee nutti agarsiisa, sodaa, shakkii, dadhabina, hin danda’u yoo deddeebinee itti himne, isuma shaakala bu’aa isas ni argina.

Kutaa qaama keenyaa kan biras akkuma leenjifnu, waan dansaa yaadutti sammuu haa leenjifnuu.

Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir’uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin babaddus.

Silaa naaffachuun qaamaa milkaa’ina namaatti daangaa osoo godhee Pireezendatiin Ameerikaa 32ffaan, Roosevelt wheelchariirra taa’ee hoogganaa hin ta’u ture.

Helen Keler isheen ija ittiin libsattu hin qabne akkasumas duudaa taate, barreessituu fi nama siyaasaa cimtuu ifa biiftuu jalaa hin taatu ture.

Rakkoon naafummaa sammuu caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna.

Sammuun leenji’e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!

INISTALL

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *