Harmee Far. Eyuu’el walee Eebba Far. Isaaf Ergaa dabarsan.
A. Yeroo mijaa’aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu!
B. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin!
C. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari!
D. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti!
E. Miira kee too’adhu malee hin garboominiif!
F. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa’u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba.
G. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.
H. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. God bless you!