wabiif

My WordPress Blog

Barnoota(education)

Gaafii Paarlaamaa Ministeeroonnii Maaliif Hurso Seenanii Leenjii Waraanaa Fudhatan.

GORSA QAJEELTOO MILKAA’INA JIREENYAA.

A. Eessaan dhufe, Eessattin deema,
Maaliifin uumamee bari.

B. Seera uumaa (natural law) kabaji.

C. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.

D. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.

E. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.

F. Nama miidhuu irraa fagaadhu.

G. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.

H. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu.

I. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.

J. Hiriyaa gaarii filadhu.

K. Mul’ata qabaadhu.

L. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.

M. Hanga duututti barataa ta’i.

N. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.

O. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.

P. Du’a akka hin oolle yaadadhu.

Q. Taa’uu hin baay’isin sochoo’i, deemii dalagi.

R. Nama qormaata irra furmaata; Boo’icha irra moo’icha irratti xiyyeeffadhu.

S. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.

T. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa’i irraa baradhu.

U. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa’anii dabranii dubbisi.

V. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.

W. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay’isin.

X. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.

Y. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.

Z. Hedduu dubbachuu hin baay’isin.

I. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.

II. Qorichoota si macheessan dhaabi.

III. Halkan yeroon (sa’aa 3 – 4) hirriiba rafi.

V. Ganamaan dammaqi.

VI. Ispoortii hojjedhu.

VII. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay’isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir’isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu.

VIII. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta’i.

1. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.

2. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.

3. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta’uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta’i.

4. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin.

5. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.

6. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta’in dhala namaaf jiddugaleessa ta’i.

7. Ofii gaarii ta’ii “Cubbuu fi Irbuu” irraa fagaadhu. Baŕreessaa: Anwar Ahmed.

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *