wabiif

My WordPress Blog

Gorsaa(Mentor)

Dr. Abiy Ahmed Ana Natti Hin Fakkaatu Motummaan Kun Baay’ee Hin Tura.

‎

Amaloota gurguddoo namoota ciccimoo Kurnaan.

Qindeessummaa:- Namoonni yaada guddaa qaban waan hundumaa ni qindeessuu akkataa walduraa duuba gochaa beekuu . Waan hundumaaf karoora baasuun kallattii milkaa’inni isaanii toluutti qajeelu.

Gammachuun taphatuu :- Ilmi nama ergaa waan hundaa akkaataa isaaf ta’uun qindeeffatee tasgabbiin jiraata. Waan isaan mudateef baayyee hin gaddaan kallattii ittin darban irratti xiyyeeffatu.

Gochaan waa mul’isuu :- Yoo gochaan hin argisiisnu ta’ee karoora baasuu fi qindeessuun gatii waan hin qabneef namoonni ciccimoon addunyaa kana hedduun gochaan waa mul’isuu.

Eeggannoo ofiif godhuu:- Bakka isaanif hin malleetti hin argamaan ,Kaayyoo isaanif malee wacaa namootaf bakka hin qaban. Fayyumaa qaama isaanillee ni eeggatuu, jireenya akka feete hin qaban. Sammuu fi eenyumma isaanif kabajaa kennu.

Ilaalcha gaarii qabuu:- Nama kamiifuu ilaalcha gaarii qabu. Nama dhaggeeffatu Kiyyaa qofa hin jedhan. Namaf kabaja addaa kennuun tokkummaan jiraachuu hawwuu.

Walittii dhufeenyaa(Networking) qabu:- Namoonni ciccimoon fayyidaa tokkummaan qabu waan beekaniif nama waliin hojjachuu jaalatu.  Nama hundumaa waliin nagaadhan jiraachuu filatuu. Walittii hidhamiinsa namoota waliin qabaniitti fayyadamun hojii isaanii bareechanii hojjatuu.

Qusannaa beekuu:- Namoonni gahumsa qaban Maallaqa qofa osoo hin taanee waanuma isaanif kennamee hundumaa haalan kara sirriin itti fayyamu.  Yeroo , humna,beekumsa fi qabeenya isaanii hin qisaasessan. waan hojjataan hundumaaf sababaa qabu.

Barfannaa hin jaalatan:- Waanuma kamiyyuu hojjachuuf duubarra deemuu hin fedhan ganamaan jalqabuu. raawwii fi sagantaa isaanin jiraatuu.

Ni Qooduu ykn Hiruu:- Waan qabaanin namaaf hoo’uu .Yaadaa fi beekumsa qabaniin jijjirama fiduuf kutannoo qabu.

Ni dubbisuu :- Amalaa namoota ciccimoon qaban keessa inni ijoon immoo dubbisuudha. Namoonni ciccimoon kitaabota fi barreeffamoota garaagaraa dubbisuun beekamu irraa caala immoo yaada fi ilaalcha namootallee ni dubbisuu.

wabiif

Hello, I am Abayineh from Ethiopia , Founder of this website wabiif.com. Welcome to wabiif.com! Education center. At wabiif.com we are passionate about helping you in the online world. Although you’re interested in making money online you’ve come to the right place. Our mission is to provide you with valuable insights, We understand that the internet offers countless opportunities. We are here to guide you every step of the way. At wabiif.com we believe that knowledge should be accessible to everyone. If you have any questions or proposals, please do not hesitate to contact us. Thank you for visiting wabiif.com.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *